Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Dawwannaa Chaayinaatti Geggeessan Xumuran


Hoogganaan Kooriyaa kaabaa Kim Jong Un Chaayinaatti imaluu dhaan prezidaantii biyyattii Xi Jinping waliin guyyoota lamaaf erga mari’atanii booda gara biyya ofiitti deebi’aa jiran.

Baaburri imaltoota addaa kan Kiim, har’a waaree booda Beejiing irraa ka’uu dhaan gara daangaa Kaaba gama bahaatti qajeelee jira. Bor ganama Kooriyaa kaabaa ga’uuf jiru.

Erga waggaa darbee qabee Kim Jong Un yeroo arffaaf michuu diplomaasummaa fi dinagdee biyya isaanii taate kana daawwatan.

Tilmaami jirus Kim prezidaantiin US Doonaald Traamp waliin yeroo lammataaf utuu wal hin ga’in dura Chaayinaa waliin wal ta’iinsa uummachuuf ka jedhu.

Dhaabbati oduu Kooriyaa Kibbaa Yonhaap akka jedhetti Kim guyyaa xumura daawwannaa isaanii Beejiing, warshaa dawaa dugdee magaalattii jiru daawwachuu dhaan gamasii ka’uu isaanii dura prezidaanti Xi waliin laaqana qooddatanii jiran. Gam lamaanuu bal’ina marii isaanii ifa hin goone.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG