Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xaaliyaaniin Faransaay Afriikaa Hiyyoomiste Jechuun Himatte


Xaaliyaaniin Faransaay Afriikaa Hiyyoomiste Jechuun Himatte

Koolu galtoonni gara Awrooppaatti yaa’uu ilaalchisuu dhaan Xaaliyaanii fi Faransaay gidduutti kan uumame walii galtee dhabiinsi diplomaassummaa gara fuula duraatti paarlaamaa Awrooppaa keessatti filannoo geggeessamu irratti ajandaa duraa ta’uu mala jedhamee jira.

Biyyoota Afriikaa kan hiyyoomsitu Faransaay jechuu dhaan itti aanaa muummichi ministeeraa Xaaliyaanii Luwij Di Mayoo torban kana erga himatanii booda paariis ambaasaaddericha Xaaliyaanii kan biyya ishee waamuun dubbistee jirti.

Har’as namoonni Afriikaa dhiisanii baqatan yoo jiraatan dursanii Faransaay itti aansuu dhaan immoo biyyoota Awrooppaa hedduun ardittii koloneeffattummaan bulchuu isaanii hin xumurre jechuu dhaan Di Maayoo, dilbata darbe gaazexeessotaaf ibsa kennaniiru.

Biyyoonni Afriikaa sababaa hiyyoomaa deemanii fi amma immoo biyya keenya gad dhiisaa jedhanii kan rakkisan biyyoota kanneen akka Ferensaay gamtaan Awrooppaa adabuu qaba jedhan. lammiiwwan Afriikaaf bakki isaan jiraatan Afriikaa dha malee galaana Mediteraaniyaan miti kan jedhan Di Maayoo itti dabaluu dhaan rakkoo kana furuu yoo barbaachise gamtaa Awrooppaa qofatti utuu hin taane dhimmi isaa tokkummaa mootummootaattis ilaalamuu qaba jedhan.

Gamtaan Awrooppaa dhiyeenya akka beeksisetti Afriikaa irraa koolu galtoonni gara Awrooppaatti yaa’an Ertraa, Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa irraa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG