Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Ededi Daangaa Tolfamu Malee Nageenyi Keenya Hin Amansiisu Jedhu


Manni maree bakka bu’oota uumataa Yunaayitid Isteetis kanneen haga tokko cufaatti jiran waajjiraalee mootummaa bansisuu fi paartileen Repaablikaanotaa fi dimokraatota addatti yaada dhiyeessan irratti guyyaa borii sagalee kenna jedhamee eegama.

Gareen lamaan dhimmi nageenya daangaa ilaalchisee falmiin isaanii kan itti fufe yoo ta’u waajjiraaleen mootummaa hanga Guraandhala 8 bara 2019tti akka banaa ta’an kan gaafatu wixinee seeraa kan dimokraatonni sagalee irra jireessa keessatti qaban manni maree bakka bu’ootaa raggaasisee jira.

Wixineen sun daangaa Yunaayitid fi Meeksikoo irratti prezidaant Traamp ededa ijaaruu barbaadan ofitti hin haammatu.

Ededi yoo ijaarame malee biyyi keenya yoomuu taanaan daangaa ykn nageenya biyyoolessaa hin qabaattu jechuu dhaan prezidaantichi kaleessa ergaa twitter maxxansaniin beeksisaniiru.

Ededa cimaa ykn dallaa sibilaa yoo dhaabne, lakkoobsa yakkamtootaa fi kutaalee US mara keessaa deddeebii dawaa sammuu adoochui akkaan gad bu’uu danda’a jedhan.

Akkuma Kanaan ijoolleen koolu galtootaa kuma 700 ta’an gara biyya isaaniitti akka hin deebisamne prezidaanticha duraanii Baaraak Obaamaa dhaan imaammanni jalqabame hatattamaan akka addaan citu bulchiinsi Traamp gaaffii dhiyeesse manni murtii Muummichi Yunaayitid Isteetis fudhatama dhabsiisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG