Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeriyaa Keessatti Dullii Filmaataa Itti Fufee Jira


Obiiy Izekwesilii
Obiiy Izekwesilii

Dubartiin Naayjeriyaa kan kaadhimamtuu Prezidaantummaa ta’uun dursaa turan dorgommii keessaa ba’an. Sababiin isaa paartilee gurguddoo biyyatti keessaa walta’iinsa uumuu akka danda’aniif gargaaruuf ta’uun ibsamee jira.

Oby Ezekwesili dhaamsa gama Tiwitariin irra deddebi’anii dabarsaniin paartii Alaayd Kongreesa keessaa ba’u isaanii har’a beeksiisan.

Duraan ministeera mootummaa Naayjeriyaa fi prezidaantii Baankii addunyaa kan turan prezidaant Mahmaduu Buhaarii fi paartii mormituu guddichaafis nama dabalataa argamsisuun hojii arifachisaa ta’u dubbatan.

Ezekwesilin filannoo baatii dhufu gaggeeffamuuf kaadhimamtoota dhiyaatan 73 keessaa tokko turan.Namoonni hedduun akka jedhanti dorgommiin kun prezidaantii biyyatti Buhaarii fi kan mormituu ka ta’an Atiku Abubakar giddutti ta’a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG