WASHINGTEN DC —
Mootummaan Bulchiinsa Naannoo Somaalee miseensa kaabinee isaa tokkoo fi muudamtoota isaa shan ka biroo taayitaa irraa kaasee jira.
Mootummaan naannoo miseensota Kaabinee isaa shan jijjire jedhuun ka maddeen oduu adda addaa dubbatan dhara tahuu illee beeksisee jira.
Prezidaantii bulchiisa naannoo Somaalee Obbo Musxafaa Umari fi dura-taa’aa Paartii Dimookiraatawa Uummata Somaalee Obbo Ahimed Shidee gidduutti wal-dhibdeen jiru ka yaadaa qofa akka tahe dubbata mootummichi.