Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan bulchoota isii ka durii, Bereket Simoonii fi Taaddesee kaasaa horii ummataa doolara miliyoona hedduu balleessuun himatte


Bereket Simoonii fi Taaddesee Kaasaa
Bereket Simoonii fi Taaddesee Kaasaa

Obbboo Bereket warra ADWUI yayyabe keessaa tokko.Jarii lachuu,gaafa durii itti gaafatamaa dhaaba paarti mootummaa naannoo Amaaraa, XIRET keessa itti gaaftamaan hojjatetti horii ummataa doolara miliyoona hedduu balleesse jedhani himatan.

Jara lachuu Hagayya,24 hujii buusanii XIRET keessallee baasan.Itti gaafatamummaa jarii warshaa Daashin keessaa qabullee bara 2018 keessaa irraa fuudhan.

Abbaan alagnaaa addaa jara lachuu warshaa Biiraa Daashin dhaaba Ingiliiz tokkoo doolara miliyoona 90 gurguranii asii cophxee horii suni dhabanii galmeellee hin agarree jedhee himate.

Amma hidhaa jiranii waasiilleen baasuu didan.Obboo Bereket waasiin bahee akak dubbii tanallee mana murtii Finfinneetti qoraniif gaafate.

Obboo Bereket dhiba dhiiga nama itichuu fi dhiba onnee qabaachuu himatee akka dubbii tana Finfinnee,fulaa maatinisaa jirutti laalaniif gaafate.

Yoo obboo Berekt mana murtiitiin dhufanillee namii bahee ‘nama harka dhiigaa’fi ‘hattuu’ jedhee itti iyye. Innii ammoo tunilleen seera malee mana murtiittuu mirgallee hina argannee jedhee himate.

Obboo Taaddeseelleen waan keessa hin jirreen akka maqaa isa balleessan himatee akka dubbii tanallee mana murtii Finfinneetti deebisaniif gaafate.Innilleen fayyi-dhaba himate.

Abbaan alagaa amamoo wannii jara kanaan himatan naannoo Amaaraa keessaatit waan taateef dubbiillee achumatti laaluuf mure.

Waan jaraan himatanii fi ragaa poolisiillee walti laalanii dubbii tana achumatti laaluu malanii jedhe. Mana murtii dubbi tana Gurrandhalaa 1,2011 qaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG