Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waajjiraaleen Mootummaa Ameerikaa Cufamanii Turan Akka Banaman Seera Eeyamu Traamp Mallatteessan

Seenaa Ameerikaa keessatti waajjirri mootummaa yeroo dheeraaf cufamee ture har'a banamee hojjettoonni mootummaa hojiitti deebi'anii jiran. Prezidaant Doonaald Traamp bajata mootummaa torbanneen sadiif seera raggaasisu mallatteessaniiru.

Kana jechuun yoo prezidaantichi fi dimokraatonni dallaa daangaa Meeksiikoo ijaaruuf bajata gaafatame hin raggaasisne, ammas waajjiraaleen kun deebisanii cufamuu malu. Prezidaant Traamp bajati kun naa hin eeyamamu taanaan labsii yeroo hatattamaan labsa jechuun dhaadatan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:20 0:00

This item is part of
XS
SM
MD
LG