Xurree ittiin seenan

Breaking News

Al- Shabaab Somaaliyaa Keessatti Haleellaa Garee Islaamik Istetes Irratti Jabeessee Jira


Bay Region, Somalia

Al-Shabaab gaarren Somaalee naannoo Barii keessatti ISIS jabeessee loluutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:18 0:00

Gaarreen kutaa Somaaliyaa kan Barii jedhamu keessatti hidhattoonni Al-Shabaab garee Islaamik Istetes haleellaa hammeessuu isaa kan ibsan hayyonni.Angawoonni tika nagaa fi nageenyaa amma jechaa akka jiranti A-Shabaab iddoo lama hidhattoota Islaamik Isteetes harkaa baasee to’atee jira.

Gama kaaniin waraanni Amerikaa barri haaraan 2019 eega seenee ji’a tokko keessatti marroo saglaffaa hidhattoota Al-Shabaab samii irraa haleelee jira.Halleellaa Robii darbee ganda Shabeley kan kutaa Hiraan irratti gageesseen hidhattoota Al-Shabaab 24 ajjesuu isaa waaltaan ajajaa Afrikaa beeksisee jira.

Muddee 19 bara 2018 haleellaa waraanni Amerikaa gaggeesseen hidhattoota Al shabaab 52 ajjeese.Haleellaan marroo Afuur guyyaa sadii keessatti Amajjii 6 hanga 8 bara 2019 gaggeeffame.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG