Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nageenya Buusuun Haa Milkaawuuf Jecha Lola Dhaabnus Lolli Nurraa Hin Dhaabbanne: Kumsaa Dirribaa, ‘Marroo’


OLF FLAG
OLF FLAG

Marii araaraa ABO fi ODP
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:50 0:00

ODP fi ABO giddutti nagaa buusuuf labsii Gumiin Abbootiin Gadaa labsaniif bitamnus mootummaan ammas lola nurraa hin dhaabnee jechuun Ajajaan WBO Zoonii Lixaa Kumsaa Dirribaa dubbatan.

Maqaa ‘Marroo’ jedhuun ka beekaman Obbo Kumsaan yakka adda addaa miseensa Waraana Bilisummaa Oromoon lixa raawwatame jedhus haalanii jiru.

Amajjii 22 bara 2019 gumiin Abbootii Gadaan kan hundaaye koreen miseensa 71 qabu Ambotti murtee ka dabarse. Murteen kunis xiyyeeffannoon waa’ee miseensota WBO yoo tahu, qaamoleen lameenis lola akka dhaaban labsanii jiran.

Haala kana irrattis ajajdoonni waraana bilisummaa Oromoo labsiin labsamus lolli nu irraa hin dhaabbannee jedhu. Ajajaa WBO Gama Lixaa ka ta’anii fi maqaa ‘Marroo’ jedhamuun ka beekaman Kumsaa Dirribaa haala naannawa isaanii jiru akkasitti dubbatu.

Kamisa darbes ajajaan itti Aanaa WBO gama kibbaa ka ta’an Obbo Gammachuu Abooyyee humni waraana biyyaa hidhattoota ABO irratti balaa geessisaa akka jiru himanii turan.

Gumiin Abbootii Gadaa Koree Araara buusu nama 71 hundeessee koreen kun araara buusuu irra jiru adeemsa koree kanaarraa komii qabdan Obbo Kumsaan ibsanii jiru.

Akka Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Lixaa Obbo Kumsaa ykn Marrootti mootummaan Itiyoophiyaa fi WBOn bara dheeraaf warra dhiiga wal dhangalaasaa ture waan ta’eef nagaan bu’uuf lamaan isaanii jidduu wal amantummaan jiraachuu qabaa jedhan. Hidhaannoof waan gara garaaf WBO maddi galii isaa maali gaaffii ani itti aansee isaan gaafadheedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG