Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroon Daldalaa Itiyophiyaa fi Somaaaliilaand Sadarkaa Maalii Irra Jira?


Somaaliilaand hariiroo daldalaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsachuuf proojektiin waggaa tokkoof baafattee turte dadhabaa deemuu isaa tu dubbatama. Hogganoonni ol’aanoon gargaarsi dabalataa yoo argame dinagdee biyyatti akka cimsu abdatan.

Sagantaa walii galaaf kan ramadame keessaa Doolaarri miliyoona 18 buufata donii Berberaa bifa ammayyaa qabsisuu irratti fulleeffate.

Prezidaantii Somaaliilaand Musee Bihii Abdiif gorsaa waa’ee dinagdee kan ta’an Osmaan Sheik Ahamd VOAf akka ibsantti hariiroo dinagdee Somaaliilaand Itiyoophiyaa waliin qabdu hedduu gaarii dha.

Hariiroo daldalaa jabaa fi kan Itiyoophiyaaf bu’aa guddaa argamsise jedhu Ahmad. Somaaliilaand waggaatti mi’a Doolaaraa Miliyoona 600 hanga Miliyoona 700 baasisuu ergiti jedhan.

Ministriin dantaa alaa Somaaliilaand Hir akka jedhantti Somaaliilaand gama misooma dinagdeen deggersa barbaaddi. Kana qofa miti jedhan adda addummaa Itiyoophiyaa waliin qaban furuufis deggersa barbaaddi jedhan.

Garuu hariiroo gam lama giddutti haaraa tolfame yeroo ilaalan of-eeggannootu barbaachisa. Biyyoonni hedduun gara keenya dhufuuf wal saamaa jiran bu’aa ofii isaaniif jedhanii ti kan jedhan Hiir dhuma irratti garuu waan fedhii ishee ta’e murteessuun qooda Somaaliilaand ta’uu qaba jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:23 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG