Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldorgommii Kubbaa Harkaa Kilaboota Ijoollee Dubraa Amerikaa Ganna 18 Gadii Waashngton DCti Itti Jiran


Waldorgommii Kubbaa Harkaa Amrikaa Waashingiton,DC Keessatti Itti Jiran
Waldorgommii Kubbaa Harkaa Amrikaa Waashingiton,DC Keessatti Itti Jiran

Wal dorgommiin tun Capitol Hill Volleyball Classic jedhanii ijoollee dubraa ganna 8-18 irratti wal dorgoma.Ijoolleen tun kilaboota Amerikaa 900-1,000 tahan keessaa walti filan.

Gurrandhalaa 16-18,2019 DC istaadiyoomii Verizon keessatti wal dorgomn. Ijoollee 2,000 tahanitti irratti wal dorgoma.

Kubbaan Harkaa Amerikaa keesatti gudodo beekamuullee baattu amma guddachaa dhufuutti jirti.

Caroline Leng mana barumsa godina Maryland keessa filamtee taphattuu baranaa beekamuu jedhani filan.

“Tapha jabaa, ijoollee jajjabduu fi nama tapha seeraan taphachiisu jabaatti walti filame,” jetti.

National Basketball Association (NBA) waldaan dorgommii kubbaa saaphannaa Amrerikaa ispoortii tana ganna dhufu Afrikaa biyya 12 keessaa kilabii qbaachuu filate.

Amerikaa dorgommii tanaan addunyaa keessattu beekan.National Basket Ball Association Afrikaatti liiqii qabaachuuf biyya filate.

Akka kanaan Afrikaa keessaa biyya 12 qopheeffachuuf itti jira.Hujii tana bara 2020 jalqabaa Africa basketball league jedhee maqaa baafate.Biyya NBAn filatte keessaa Angola, Masrii, Kenya, Morocco, Naayjeeriyaa, Riwaandaa,Senegaal,Afrikaa Kibbaa,Tuniiziyaa.

NBA kilaboota kubbaa kachoo Afrikaa walti qabatee waliin hojjachuuf deema.

Ispoortii Basket Ball tapha Amerikaa addunyaatti beekaniin jabduu.Ijoollee Amerikaa snyii Afirkaa qabanitti dorogmmii tanaan guddoo beekama. Akka kanaan hidda dhooftee Afirkaa keessaa ijoollee fialchuutti jirti.

Pirezidaantiin Amerikaa Barakaak Obaamaa tapha kana guddoo jaalate. Akkuma oduun NBA Afirkaa keessaa ijoollee filachuutti jirtu dhagaheen bagma NBA Afirkaatti ispoortii tana jalqabde jedhee Twitter ufi irratti barreesse.Ijoolleen Amerikaa sanyii Afrikaa ispoortii Amerikaa hedduu keessa jiran

Daytona 500 maqaa dorgommii makiinaa waldaa ispoortii NASCAR jedhaniiti. Waldrogommiin akkanaa NASCAR waliin sadiitti jira., Xfinity Series, fi Gander Outdoors Truck Series .

Wadlrogommii NASCAR tana kalee Kalfirooniyaa Daytona Florida Beach irratti wal dorgoman. Dorgommii makiinaan walqolchan 61essoo tana warra makiinaa ispoortii gussuun beekamutti irratti wal dorgoma.

Walumattuu marroo 200 istaadiyoomii irra maranii wal dorgoman. Saatii 3:26:27 wal dorgoamn.Abbaan dorgommii tana moo’e doolara miliyoona 1 argata. Akka kanaan

1.D. Hmalin

2. K. Busch

3.E.Jones sadeessoo,

4.J. Logaanoo abreessoo,

5.M.Mcdowel shaneessoo bahe. Jarii kun hagii tokko tanaan lammeeffate kaan hardhuma moo’e.

Dorgommiin tun makiinaa cinaachaan wal qabee karaa walti cufaa dorgomaa akka malee balaa qaba.Warri 1-5 bahee walillee hin taraarree nagumaan bahe.Taatullee barana makiinaa 21 wal dhahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG