Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Magaalaalee Jigjigaatti Kabajame


Magaalaa Jigjigaatti kabajamaa kan ture guyyaa magaalaalee irratti rakkoolee mana jireenyaa fi furmaata isaa ilaalchesee waraqaa qorannaa kan dhiyeessan Dr. Ze Menfes G/Igzaaber ministeriin misooma magaalaa fi manneenii rakkoo manneen jireenyaa akka karoorsetti furaa hin jiru jedhan.

Rakkoon jiru jedhan Dr. Ze Menfes, hanqina kuusametu jira. Waggaa waggaa dhaan dabalaa kan adeemu fedhiin itti dabalaa immoo jira. Kanaaf hanqina kuufameef furmaata utuu hin kennin gaaffiin itti dabalaa waan dhufuuf ijaarsi manaa ariitii ammaa irra kan caaluun geggeessamuu qaba.

ministiriin misooma magaalaa fi manneenii kan inni karoorse, waggaatti manneen jireenyaa kuma 250 ijaaruu dhaan manneen miliyoona 2.2 yoon dhiyeesse rakkoon jiru hanga tokko ni furama jechuun sochii eegalee jira.

Haa ta’u malee karoora kaa’amee fi hojii irra kanoole yoo ilaallu wali irraa fagoo dha. Dhiyeessii lafaa, maallaqa, dadeettii fi kkf gama ilaaleen hamma akeekame ijaaramuu waan hin danda’amneef rakkoon jiru hammataa adeeme. Kanaaf ariitii dhaan akka ijaaraman yaadi furmaataa dhiyaachuu qaba jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG