Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Gara Kutaa Kaaliforniyaatti Imalanii Jiru


Prezidaant Doonaald Traamp
Prezidaant Doonaald Traamp

Prezidaantiin Yunaaytid Isteets Donaald Traamp dallaa Meeksikoo fi Yunaaytid Isteetes giddutti ijaaruuf maallaqa isaan barbaachisu argachuuf jecha labsii yeroo hatattamaa labsuu isaaniif himannaa irratti dhiyatetti duluuf jecha har’a gara Kaaliforniyaatti imalanii jiran.

Traamp Twitarii ofii irratti akka barreessanti projektii Baaburaa kaaliforniyaa fi Losaanjalas giddutti diriirsuuf karoora qabameetu dallaa meeksikoo fi Amerikaa gidduu ijaaruu caalaa gatii baasiisa jedhan.

Prezidaant Traamp maallaqa dallaa ittiin ijaaran argachuuf jecha labsii yeroo hatattamaa labsan jechuun himatanii jiru.Abbaa alangaa mummichi himata kana Wiixata kaleessaa kan dhiyeessa yoo ta’u kunis mana murtii konyaa gama kaabaatti ture.

Komeen dhiyaatees gochii prezidaantichii rawwatan seeraan alaa fi heeraan ala jedhan.Kunis maallaqa sagantaalee adda addaaf ramadaman kan kutaa Sanaa fi jiraattoota kutaa Sanaa miidha jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG