Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola Moqaadishootiif ijoollee hedduutti warra dhabee karaa irra oolee bula


Mogadishu
Mogadishu

Huseen Ahmed gurbaa ganna 13ti Osmaan Daud nama ganna 14ti warrii lachuu karaa irra bula. Akkuma ijoollee finna akkanaa keessa jirtuu gaazii funnaaniin fuudhaa kanumaan jireenna wayyeeffata.

Maatii warra lachuutuu badaatti bombiin balleessee.Jireenna dhabee qorsaan ufi macheessaa fidama."Maatii kiyya lachuu waraana hamaan dhabe.

Nama dhabee jennaan ijoollee karaa irraa beenzina funnaaniin xuutti darame achumaan walii jaala taane. Hambaa namii lafatti jisse suqunnannee bullaan.Adoo argannee jireenna kana keessaa nu baasee nu barsiisullee hin feena.”

Ijoolleen akka jara kanaa hambaa barbaada huura harkaa naqan yoo diqqoo buluqii argatan kophee namaa qulqulleessaa, makiinaa dhiqaa horii walti qocatan.Guyyaan cuftii dhiba mataa ufii qaba.

"Guyyaa garii oobjuu sodaadhee hirriirba dhaba.Taatullee adoo hin beennee mugee billiqii jedhee namummaan rifatee ufi wallaale hiriirabaa dammaqa.”

Ahmed Dini – nama dhaaba gargaarsa Somaalee, Somali Peace Line keessa hojajta. Ijoolleen karaa irra bultu tun dhiba guddaa keessa jiran jedha.

“Gaargalii ijoolleen tana eegatu keessaa du’a, buufachaa,humnaan waraanatti dabalachuu fa."

Mootummaan ammoo Moqaadishootti hosteelii jaaree fulaa ijoolleen tun bultu itti barbaaduutti jira.

Woma taateefuu ijoolleen akka Husseinii fi Osmaan kuma hedduutti borillee jiraachuuf karaa Moqaadishoo irra bula.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG