Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaat Traamp Waraana Venezuweelaa Akeekkachiisan


Prezidaant Traamp waraanni Venezuweelaa akka prezidaant Nikolaas Maduroo aangoo irra turaniif deggersa gochaa jiru dhaabu akeekkachiisan.

Kanamalees gargaarsii dhala namaa akka biyyattii seenuuf ehamaa, jechuun gaafatan - Traamp.

Xayyaaronni Ameerikaa, nyaataa fi dawaa fe’atanii, daangaa Kolombiyaan Venezuweelaa waliin qabdu irratti buusaa jiru. Gargaarsi kun akkamitti akka lammiwwan Venezuweelaaf raambsame waan beekame hin jiru. Gochaa kana akka jalqabbii weerara Yunaayitid Isteetisiin geggeessamuutti kan balaaleffatan Prezidaant Nikoolaas Maaduuroo, akka humna waraanaatiin tarkaanfii kana ugguran dhaadatanii jiran. Prezidaant Traamp immoo kanaaf ennaa ennaa deebisan, namni kun argaarsi uummata isaaf kennamuu irra uummatni isaa beela’u filata,” jedhan.

Kutaa Maayaamiitti kan walitti qabame uummata Vezueelaa fi Kuubaa hedduu duratti kan kana dubbatan prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Traamp, waraanni Vezuweelaa, prezidaant Maaduuroof tumsuu akka dhaaban akeekkaachiisanii jiran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:12 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG