Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Hiree-murteeffannaa Gaafatu Hawaasaatti Geggeessame


Akka uummatni Sidaamaa bulchiinsa naannoo of dandahe tahu gaaffii dhihaateef otuu deebiin hin kennamiin turuu isaa fi guyyaan hiree-murteeffannaa uummatichaa murtaa’uu dhabuu mormuudhaan, har’a magaalaa Hawaasaa keessatti hiriirri mormii geggeessamee jira.

Yonaataan Zebdiyoos, Hawaasaa irraa akka gabaasetti, hiriirri mormii sun sirna aadaa uummata Sidaamaa “Qaxalaa” jedhamuun geggeessamee, nagaadhaan xumurame. Magaalaa Hawaasaa fi aanaalee godinaa Sidaamaa keessa jiran mara irraa kan hiriira kanaaf yaa’ee uummata hedduuu yoo tahu, “Naannoo Sidaamaa keessatti gaaffiin ijaaramuu fi ofiin of bulchuu, gidduu seeninsa siyaasaan otuu hin taane, heera mootummaan qofa akka furmaata argatu barbaadna,” jechuun gaaffii isaanii dhiheeffatan. Jijjiirama biyyattii keessatti mul’ate jedhanis ka deggeran tahuus hiriira kana irratti dhageessisanii jiran.

Hoogganaan koree qindeessa hiriirichaa falmaan nirgaa dargaggoo Taarikaa Lammaa, hiriirricha dhiibbaa fi uggura tokko malee mirga dimookiraasii qabanitti fayyadamuun waamuu isaa dubbata. Kun bu’aa jijjiirama amma argamee akka tahe ka dubbatu dargaggoon kun, tahus, kan fiixanbahinsi mirga kanaa beekamu gaaffii yeroo dheeraa yeroo dheeraa uummatni Sidaamaa gaafate ennaa deebii argatu qofa, jedha.

Akka bulchiinsa naannoootti ijaaramuuf gaaffiin uummati Sidaamaa dhiheesse, mana-maree godinaa Sidaamaa fi mana-maree bulchiinsa naannoo Kibbaatti dhihaatee ka beekamtii argate yoo tahu, akka guyyaan filannoo hiree murteeffannaa yokaan riferendemii uummataa muree hojii irra oolchu xalayaan boordii filannootti ergame otuu deebii hin argatiin bubbuluu isaa dubbata – dargaggoo Taarikuu Lammaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG