Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fiqaaduu Shumataa fi Gammadoo Waariyoo Barattoota Oromoo Mallatoo Mormii Oromiyaa Guutuu Turan


Fiqaaduun ka suurri isaa mallatoo #OromoProtest yoo tahu, Gammadaa Waariyoo ammoo Irreecha Bishooftuu bara 2016 irratti waltajjiirratti bahee mormii ka dhageessiseedha. Dargaggoonni kun lameenuu mormii kanaan booda biyyaa bahanii jiru.

Fiqaaduu Shumataa dhalooteen Wallagga Lixaa Mandiidha, hiriyaan isaa Gammadaa Wariyoo ammoo Arsii Lixaa Magaala Shaashamannee ti. Dargaggoowwan kun lameenuu mormii Oromoo keessatti mallatoo ta’uudhaan beekamu. Fiqaaduun ka suurri isaa mallatoo #OromoProtest yoo tahu, Gammadaa Waariyoo ammoo Irreecha Bishooftuu bara 2016 irratti waltajjiirratti bahee mormii ka dhageessiseedha. Dargaggoonni kun lameenuu mormii kanaan booda biyyaa bahanii jiru.

Fiqaaduu Shumataa fi Gammadoo Waariyoo Barattoota Oromoo Mallatoo Mormii Oromiyaa Guutuu Turan
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:00 0:00
Gammadaa fi Fiqaaduu
Gammadaa fi Fiqaaduu

Mormii guutummaa Oromiyaa Guddichi Oromiyaa guutuutti bifa haarawaatiin ka’e Sadaasa 2014 ture. Mormii kana dhaabuufis mootummaan namoota hiriira bahaa turan irratti tarkaanfii adda addaa ka fudhataa ture ta’us haga yoonaa tarkaanfii mootummaan fudhate kanaan qaamni bilisaan qorate waan hin jirreef balaan lubbuu namaarratti dhaqqabe hagana waanti jedhamee beekamu hin jiru. Dargaggoonni fi barattoonni mormii kanarratti hirmaatan hedduun tarkaanfii mootummaan fudhataa ture sodaa kaan jiruu qaban dhiisanii, barnootas addaan kutanii biyyaa baqataniiru. Isaan keessaa Fiqaaduu Shumataa fi Gammaadoo Waariyoo isaan tokko.

Fiqaaduu
Fiqaaduu

Fiqaaduun Mandiitti dhalate, mormii magaala Mandiitti Onkoloolessa 25, Bara 2015 ta’erratti suurri isaa saba himaalee hawaasaarraatti erga naanna’aa tureen booda mallatoo mormii #Oromoprotest ta’eeti hafe. Gammadaan ammoo Irreecha Bishoofturratti Bara 2016 waltajjiirratti ol bahee mormii sagaleen ka dhageessise yoo tahu, dargaggoonni kun lamaanuu erga guyyaa mormii kanarratti hirmaatanii booda biyyaa bahanii jiru.

Mormii magaalaa Mandii Onkoloolessa 25 bara 2015 turerra ka ture Fiqaaduun waan ture yoo ibsu ‘Guyyaan sun guyyaa seena qabeessa jedha.

“Rakkoo hamaatu ture yeroo sana magaalaa (Mandii) keessaa dhufnee ummata kakaasuudhaaf gara Oolankomii deemnee achirraatii gaafa ol deebi’uuf deemnuu poolisiin kora bittinneessaa Oromiyaa bakka sanarratti dhukaasa nurratti bananii.” Fiqaaduu Shumataa

Hiriira Guyyaa kana (Onkoloolessa 25; 2015) Mandiitti ta’erratti kan Suurri Fiqaaduu isaa harka mirgaa isaa ol kaasee jiru ka ka’ee marsaalee miidiyaa hawaasaarratti tamsa’e. Suurri isaa asxaa/ Faajjii #OromoProtests ta’uun isaa Fiqaaduun ‘miidhaa narraatiin geessiseera’ jedha.

“Anarra darbee ijoollee baayyee gaaga’e, hiriirri nagaa sunillee, suuraan sunillee akkan biyya koo keessa jiraadhee lammiikoof akkan bu’aa hin buufne na godhe” Fiqaaduu Shmataa

Suurri kun jireenya isaarra dhiibbaa haa geessisuyyuu male, faajjii mormii Oromiyaa guutuu ta’ee ooluun suura koo anaaf gammachuudha jedha. Suurri kee kanaaf ooluu gaabbii qabdaa jedhee gaafatamee, ‘Ummata (Oromoo) koof yoon lubbuu koo kenneyyuu waan gaabbu hin qabu’ jechuun deebise.

Fiqaaduun dabalaee yoo dubbatu, guyyaa mormii kana magaalaa Mandii keessatti hirmaateen booda biyya keessa jiraachuu waan hin dandeenye jedha; Mandiitii gara Adaamaa achii ammoo Finfinneetti dhufee karaa Matammaatiin biyyaa bahe.

Gammadaa fi Fiqaaduu
Gammadaa fi Fiqaaduu

Dargaggoon Kaan mormii yeroo kana turerratti hirmaatee biyyaa baqatee bahe, Gammadaa Waariyooti. Shaashamannetti dhalatee ka guddate Gammadaan, barnoota isaa kutaa 12 itti fufuuf galmaayee Irreechi geenyaan Bishhoftuun dhaqee mormiirratti hirmaatee manatti hin deebine; achumaan biyyaatii bahe. Fulbaana Bara 2016 yoo Irreechaaf Bishooftu dhaqu, Gammadaaf ka jalqabaa ture. Maatii dhokatee garasitti akka imalee fi ‘Irreecha’rratti hirmaachuu isaaf gammachuu akka qabu hima Gammadaan.

‘Yoo achi dhaqnu hundi nama nu waliin turee gammachuun guutameeti ture. Miirri namootaas akka waan waraana waan deemuu fakkaata ture” Gammadaa Waariyoo

Ayyaanni Irreechaa Bara 2016, Bishooftutti kabajame waltajjiin isaa qindaawaa hin turre, miirri mormii namoota keessa waan tureef, namootni yeros warra wal tajjiirraa dubbataa turan dhaggeeffataa hin turre, dhuunfaa dhuunfaan mormii qaban dhageessisaa turan jedha Gammadaan yoo ta’ee guyyaa sanaa yaadatu.

“Booddee inni (Namni guyyaa san waltajjii gaggeessaa ture) isaan amanuu didee oldeebi’eetuma haasa’aa ofii itti fufe. Duubarras akka ummatni isa dhaga’aa hin jirre beekeetini Maaykii mucaa ani harkaa fuudhetti kenne. Mucaan maal barbaaddu jedhaa ummatni bilisummaa jedha ture, walakkaa sana keessatti dhufee harkaa fuudhee, hundaaf akka tahutti sagalee tokkoon ‘down down Woyane’ jedhu jedhe, achii waltajjiirraa bu’eetin gara magaalaa seene.” Gammadoo Waariyoo

Gammadaan yeroo sana Bishooftutti erga mormiirratti hirmaateen booda manatti hin galle jedha. Maatiin fira biratti na erganiin achi tureen biyyaa bahee jechuunis dubbata. Innis akkuma Fiqaaduu barataa kutaa 11 ka Mandii baqatee biyyaa bahee, karaa Matammaatiin biyyaatii bahe. Haala itti Finfinnee gara Matammaa deeme yoo yaadatu salphaa akka hin turre hime.

“konkolaataa Isuzu naa qopheessanii shunkurtiirratti fe’anii naa qopheessan. An gargaaraa konkolaataa fakkaadhee rifeensa koo akka Maariyoo Baaloteeliitti muradheen ture, yoo kellaarratti poolisiin nu sakatta’u ani gadi bu’een ‘Leebaa Gommaatiin’ konkolaataa ‘check’ godhaa” Gammadaa Waariyoo

Deemsa Matammaa Gara Kaartuum

Matammaa bahanii kaartuum seenuun Gammadaaf ulfaataa ture. Yeroo jalqabaa deemsa guyyaa sadii erga deemeen booda poolisoota Sudaaniin qabamee, qonna mootummaa keessaa saliixa akka bu’u adabame.

“Mana hidhaa tokkotti nu hidhanii baatii tokkoofii akka maasaa saliixa mootummaa akka haamnu nurratti murtaaye. Achii darara kana keessa dabarre daangaa Itiyoophiyaatti darbamne. Achii guyyaa lama bullee deebinee karuma dhufneen deemsa miilaan gara Kaartuumitti deebine.” Gammadaa Waariyoo

Deemsi lammaffaa Gammadaaf jabaa ture, eegdota harkaa dhokachuufis haga Kaartum gahanitti halkan halkan akka imalaa turan guyyaa guyyaas mana keessatti uggurmanii akka oolaa turan dubbata. Fiqaaduun ammoo haala inni Matammaa bahee Kaartuum seene yoo dubbatu garuu isaaf deemsi sun salphaa akka ture hime. Baqattoonni kun Kaartuumiin booda kan isaan itti imalan gara, Gibxitti. Gammadaan haalli Kaartuumii Kaayroo jidduu salphaa ta’uu dubbatus, Fiqaaduun garuu kiyya jabaa ture jedha.

Dargaggoowwan Oromoo lameen kun Gibxi Kaayiroon gahanii haala jiruu baqaatti baruu akka dadhaban dubbatu. Baqataa ta’anii jiraachuun mirga namoomaa hedduu nama mulqa jedhu.

“Jireenyi baqattummaa baayyee ulfaataa dha. Dhahamtee (namni si rukutee) jennaan namni siif falmu hin jiru. Biyya Gibxi keessatti ammoo yoo dhahamtes reebamtes namni sii dubbatu hin jiru.” Fiqaaduu Shumataa

Gammadaa Waariyoo fi Fiqaaduu Shuumataa turtii baqaa wagga lamaan booda jalqaba ji’a kanaarra Kaanaadaa qubsiifamaniiru. Dhaamsa isaaniitiinis baqatanii biyyaa bahuun dhiibbaa qaba jedhan.

Gammadaa fi Fiqaaduun sichi barnoota isaaniitti deebi’anii achiis biyya isaaniitti galanii gargaaruu akka fedha qaban dubbata.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG