Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Somaaliiland Buufata Barbaraa Irraa Gara Itoophiyaa Dhaqu Hojjatamuufi


Prezidaantiin Somaaliiland – Musee Bihii Abdii, ijaarsa daandii guddaa ka Buufata Barbaraa irraa jalqabee haga daangaa Itiyoophiyaatti hojjetamuuf har’a dhagaa bu’uraa kaa’anii jiran.

Biyyattiin Somaaliyaa Kaabaa Dhihaatti argamtuu fi ofiin walabummaa labsattee jirtu – Puntiland, ulaa geejjiba galaamaa naannoo sanaa tahuuf kun tarkaanfii duraa akka tahetti dubbatama.

Kana ilaalchisuun sirna guddaa handaara Hargeessaatti geggeessame irratti – Prezidaantiin bulchiisa naannoo Somaalee Itiyoophiyaa – Muusxafaa Omaar, aangawoonni Kaampaanii DP World jedhamuu, ka Tokkummaa Imeretoota Arabaa argamuun isaanii himamee jira.

Ministarri Misooma Geejjimaa fi Daandiiwwanii – Abdillaahii Abokor Osmaan kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, “dirree xayyaaraa SIivilii Barbaraatti ijaaruu kan of keessaa qabu proojektiin kun, doolaara miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona kudha-tokkoon kan hojjetamu yoo tahu, waggoota lama keessatti hojjetee xumurama,” jedhu.

Proojektiin daandii kiiloo-meetira 242 dheeratuu, riqichawwan 21 of keessaa qabu kun, qaama waliigaltee proojektii miliyoona dhibba afurii fi miliyoona afurtamii lamaa ammaam dura, Somaaliiland, Itiyoophiyaa fi DP World gidduutti mallatteessamee ti. Proojektichi irra-jireessa Buufata Galaanaa Barbaraa ammayyoomsuutti fuuleffata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG