Xurree ittiin seenan

Breaking News

Piresdaantiin Suudan Torban Kana Keessa Qofa Labsii Yeroo Muddamaa Afur Baasan


Prezidaantiin Sudaan – Omar Hasan Al Bashir – kanneen hiriirawwanii fi hojii-dhaabinsa mormii ugguran, akkasumas, uggura dinagdee haarawa dhorkan - seerawwan yeroo muddamaa afur torban kana keessa baasanii jiran.

Tarkanfiin haaraan midiyaalee hawaasaa fi daddabarsa maallaqaa tokko tokko ugguru kun fudhatamuun isaa, eega prezidaant Al Bashiir, Guraandhala 22, labsii yeroo muddamaa labsanii booda.

Hiriirawwan mormii akka jijjiiramni Sudaan keessatti dhufu gaafatan guutummaa biyyattii keessatti ka’anii eega baatii lamaaf geggeessamee booda kan labsiilee yeroo muddamaa kana labsan – Prezidaant Al-bashir, akeekni seerawwan kanaa haala siyaasaa fi dinagdee bayyanachiisuuf akka tahe dubbatu.

Al Bashir, ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, labsii yeroo muudamaa labsuun isaanii, haala siyaasaa biyyattii foyyessuuf qophaa’uuf akkasumas faayidaalee gaafataman, hawwii fi abjuu biyyattii guutuuf akka tahetti ibsan.

Mootummaan uggura jireenya uummatatti hammeesse kana kaa’eyyuu, kaleessa, Yunivarsitii dubarootaa Omdurmaan keessatti akkasumas, Hospitaala naannoo Baahihirii, ka Kaartum jiru keessatti mormiiwwan haaraan ka’anii jiran. Poolisiin mormii Yunivarsitii sana dachaasee, isa Hospitaala keessaa immoo bittimse, jedhama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG