Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Amerikaa fi Kan Keniyaa Balaa Helikoptaraan Dhuman


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Helikoptarri lammiwwan Amerikaa Afurii fi balalisaa lammii Keniyaa qabatte tokko Keniyaa Kaaba dhiyaa keessatti kuftee hunduu dhumaniiru.Helikooptarri kun Dilbata kaleessaa lafa gadhiiftee eega kaate yeroo gabaabaa keessatti kufte.

Balaan kun kan dhaqqabe odoola waaltaa kan baadiyyaa Keniyaa keessatti argamtu kan hara Turkaanaa keessatti.Waajira keniyaa kan balalalii xayyaaraaf Daayreekteera kan ta’an Gilbert Kibe ibsa baasaniin Helikoptaroonni lama odoolatti irraa Dilbata kaleessaa eega ka’anii booda isaan keessaa tokko qunnamtiin jiru eega addaan cite booda kuftee caccabde.

Eeenyummaan jarreen shanan Helikoptara kufte keessa turanii hin ibsamiin jira. Kunis maatiwwan isaanii oduu gaddaa kana hanga dhaga’anitti ta’uun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG