Xurree ittiin seenan

Breaking News

Demokiraatoti Tiraampii irraa pirezidaantummaa fudhachuuf filanno US 2020f kurfoo jiran dubartii 5 waliin nama 10ti itti jira


U.S. Senator Amy Klobuchar gestures skyward as she announces her candidacy for the 2020 Democratic presidential nomination in Minneapolis, Minnesota, U.S., February 10, 2019.

Amerikaan ganna afur afuritti pirezidaantii filatti. Pirezidaanti Tiraampi yoo ganna dhufu irraa fudhachuu baatan malee amma ganna sadeessoo keessa jiraa filannoo bara bara 2020 dhiyaachutti jirti.

Namii innii gaafas pirezidaantummaa tana irraa fudhate,Hilay Clinton barana hin dorgomtu. Hilarii Kiliinton ministera haajaa alaa Amerikaa ta duriitii fi jaartii pirezidaantii Amerikaa ka durii Biil Kilintoniiti.

“Dorgommii gana dhufu keesatti quba na hin qabaatinaa,” jette Hilariin."Biyyiti akka hamaa jirtii tana ammoo hinuma dubbadha,” jette.

Paartiin Demokiraati bulchiinsa kana Rippaabilikaan irraa fudhachuuf qophii ya dorgommiitti caaccofte.

Dorgommii filannoo Amerikaa doolara miliyoona hedduutti itti baha. Biyya namii miliyoona 350 caalu keessa deemanii nama walti qabatani dubbisuu,TV,gaazexaa fi Raadonii irratti ufii himuu,fulaa hedduu biiroo jaarrachuu,nama hujii tana namaa hojjatu qaxarachuuf horii miliyoona hedduu baasan.

Hilorii Kilinton dorgommii bara 2016 doolarii miliyoona 10

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG