Xurree ittiin seenan

Breaking News

Woorkshooppiin Qulqullina Barnootaa Irratti Fuuleffatu Finfinneetti Geggeessamaa Jira


Finfinneetti kan argamu embasiin Ameerikaa ministeera saaynsii fi barnoota sadarkaa ol aanaa waliin ta’uu dhaan woorkshooppii guyyoota sadii jalqabee jira.

Woorkshooppii sana haasaa dhaan kan banan ministrii saayinsii fi barnoota sadarkaa ol aanaa Dr. Hiruut Welde Maariyaam gumichi kan geggeessamu ministrichi itti gaafatamummaan dameen hoogganu waggoota itti aananiif kan ittiin geggeessamu imaammataa barnootaa fi leenjii ennaa qopheessutti ta’uu ibsaniiru.

Ministrittiin itti dabaluu dhaan biyyoonni guddataa jiran kan akka Itiyoophiyaa cimaa fi waltajjii addunyaa mara irratti dorgomuu yoo barbaadan akkasumas gara jireenya wayyaawaatti battala ce’uun kan danda’amu barnoota sadarkaan qulqullina isaa ol ka’aa ta’eeni jedhan.

Itiyoophiyaa 80 irraa dhufan kan hirmaatan yoo ta’u, hayyoonni barnoota Ameerikaa, lammiiwwan Itiyoophiyaa muuxannoo aadaa fi barnootaa kanneen wal jijjiiruu irratti hirmaatan argamaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:57 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG