Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Itiyoophiyaa Sudaan-tti Baqatan Deebi’aa Jiran


Faayilii - Lammiiwwan Itoophiya gara Yaman imalan, Haggayya 11, 2017.

Walitti bu’iinsa dhiya Gonderitti uumamee tureen kan gara Sudaanitti baqatanii turan lammiiwwan Itiyoophiyaa 838 gara biyya ofiitti deebi’uun isaanii ibsamee jira.

Kaartuumitti kan argamu embasiin Itiyoophiyaa fi waajjirri qoonsiilaa Gedaariif komiishina baqattootaa sudaanii fi dhaaba koolu galtoota addunyaa IOM waliin ta’uu dhaan baqattoonni kun gara biyya isaaniitti akka deebi’an gochuu sabaa himaan Itiyoopiyaa gabaasaniiru.

Kanneen mooraa baqataa Sudaan keessatti hafan lammiiwwan Itiyoophiyaa 500 ta’an yeroo dhiyootti biyya ofiitti kan deebi’an ta’uun beekameera.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG