Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoon Amaaraa Pirezidaantii isii Gedduu Andaargaahoo Hujii Irraa Bu’ee Jennaan Dr.Ambaachoo Mokonnin Bulchaa Haaraa Tolchitee Filatte


Dr.Ambaachoo Mokonnin,pirezidaantii Naannoo Amaaraa
Dr.Ambaachoo Mokonnin,pirezidaantii Naannoo Amaaraa

Pirezidaantiin naannoo Amaaraa haarahii Dr Ambaachoo Mokonnin.“Ani Ambaachoo Mokonnin itti gaafatama natti kennan haqqiin hojjadha.” Pirezidaanti kana kora kaabinee bulchiinsa naannoo Amaaraa dhiyoo tana itti jirtu irratti filatan.

Pirezidaantii naannoo Amaaraa obboo Gedduu Andaargacahoo,ufumaan hujii irraa bu’e. Duruu ganna shan biyya bulche.

Pirezidaantin haarahii filame caasaa mootummaa jabaa qabaachuu,bulchiinsa mootummaa jabaaa yayyabuu fi nagaa naannoo Amaaraa qajeelchuu asi aanafadha jedhe

"Ummata naannoo Amaaraa bulchuu fi tajaajiluun ammoo mirgaa mitii carraa guddaa.Carraa kanaan ammoo hin kooraa hin gammadallee.”

Hujii dhibiin pirezidaantiin naannoo Amaaraa hojjatu akka ummatii nagaa eegatuu fi nagaallee eegisisu.

Ummatii Amaaraa yoo wal jaaree fi mari’ate qofa faaydaa ufii eegisfachuu dandahaa jedha pirezidaanti Ambaachoon.

“Ummatii Amaaraa tokkummaa ufii jabeeffatee jara gosa dhibiillee waliin jaalala jabeeffachuutti waan cufa caala.”

Hariyummaan naannoo Amaaraati fi naannoo Tigrayaa hairyummaa dhugaatii fi haguma jirtu jiraattu hariyummaa naannolee dhbiii waliin qabanilleen waan jabeessanii jaalalan irratti hojjachuu malan jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG