Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afgaanistaan Keessatti Nagaa Buusuuf Mariin Geggeeffamaa Jira


Mariin nageenyaa Yunaaytid Isteets fi Talibaan giddutti gaggeeffamaa jiru aangawoonni mootummaa Yunaaytid Isteets hedduun Afgaanistaan keessatti nagaa buusuuf carraa gaarii jiru jedhu.

Garu aangawoonni ijoon kan Afgaanistaan akka jedhanti garu mariin kun Waashingtan fi Kaabul gidduu adda addumaa jiru bal’isa.

Qeeqii guddaan kan dhiyaate gorsaa waa’ee nageenyaa kan Afgaanistaan Hamdullah Mohib biraa yoo ta’u yeroo walgahiif Robii fi kamiisa kaleessaa Waashingtoon keessa turan tooftaan Amerikaan gargaaramtu harka kennisisuu irraa fagoo hin jiru jedhan.

Amerikaatti Ambaasaaddara Afgaanistaan kan turan Mohib akka jedhanti kun yaada nageenyaaf dhiyaate taanaan maaltu duula waraanaaf akka dhiyaatu naa hin galu jechuun tuuta oduuf ibsan.

Iftomiina silaa arguu feene hin arginine jedhanii dhuma irratti fala barbaachuu kan qabu nu ta’u qaba jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG