Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masjida Niwu Zilaandi lama keessatti nama 49 fixanii kurnya hedduu mammadeessan US biyya sun ‘waan cufaan’ gargaaruuf kurfoo jirti


Police cordon off the area in front of the Masjid al Noor mosque after a shooting incident in Christchurch on March 15, 2019.
Police cordon off the area in front of the Masjid al Noor mosque after a shooting incident in Christchurch on March 15, 2019.

Masjida Niwu Zilaandi keessatti nama 49 fixanii kurnya hedduu madeessan Amerikaan biyya sun ‘waan cufaan’ gargaaruuf kurfoo jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:16 0:00

Masjida Niwu Zilaandi keessatti nama 49 fixanii kurnya hedduu madeessan Amerikaan biyya sun ‘waan cufaan’ gargaaruuf kurfoo jirti

Magaalaa Christ Church keesstti hardha dhiiga nama hedduutti lola’e. Faranjicha tokkotti ittuma oli seenee nama salaaa Jimaataaf Masjidu jirutti qawween fixee isaa fi waahela isaallee ya qaban.

Namii nama fixe kun mataa qawwee isaa irra kaameraan dhaabee waan tolchuutti jiru Facebook irratti yoosuma LIVE dabarse.

Mohaammad Jamaal warra nama fixe kanaan fuula keessa wal dhufew waa gaafate.

“Nahuma bira dabre… maan tahuutti jirta? jedhee gaafadhe nama millatee xuphillee hin jennee na bira dabre.Achii nama fixuu jalqabe.Baqadhee bahee nama hedduutti dhuamtee hedduutti madaahe.”

Nami dhibiin nama kana arge ammoo isaa qawwee guddoo rasaasaa guutateen dhufee abbuma fuula keessa dhufe hadhee achii namii wal caaccabsaa wal irra baqate jedhe.Namii akkana biyya fixe kun nama ganna 28 nama biyya Awustiraaliyaa jedhan.

Akka muummeen ministeraa Auwsuitraaliyaa Scott Morrison jedhtti namii kun nama biyya isaati.Nama biyya nagaa dhowwu,nama nagaa hin qamne,yaada ufii malee ka dhibii hin caqamne jedhe.

Muummeen ministera New Zealand Jacinda Ardern guyyaan badaa akkanaa hedduu keessaa kun guyyaa tokko jette.

“Namii akkana miihdame keessaa hedduuun warra biyya ormaatii New Zelanditti baqate tahuu hin oolu.”

Waraanii New Zealand tana malee bombi makiinaatti hidhan tokkollee adoo isiin hin tokkahin argee hiike biyya badii dhowwe.

Pirezidaantiin Amerikaa,Doonaaldi Tiraampi “jibba hamaa…fixiisa hamaa” jedhee Twitter ufii irratti barreese.Tana maleellee “qalbiin teenna ummatuma New Zealand waliin jirti, US ummata New Zealand waliin jirti,” jedhe.

Ministerii haajaa alaa Amerikaa, Mike Pompeo warra namii magaalaa Christ Church keessatti irraa dhumatee fi biyya namii keessaa wa taheef “irraa hafaa jennaanii anaa fi qalbii nama Amerikaalleen isanuma waliin jirti,” jedhe.

Tana maleellee “Amerikaan ijjeechaa, jibbaa hin feetu,mootummaa fi ummataa New Zealand waliin jirraa waan fedhan cufaanuu hin gargaarra,” jedhe.

Haga wannii cuftii qulqulloofutti mootummaa New Zealand majida magaalaa Christchurch cufaa ya cufsiise.

Manneen barnootaa magaalaa sunii cufatman amma ya banana taatullee Christ Church ya miili lafa hanqate.

New Zealand, biyya qabbanitti namii miliyoona 4 fi kuma 500 oliitii nama biyya hedduutti keessatti wal hore.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG