Xurree ittiin seenan

Breaking News

Natanyaahuun Imaltuu Addaan Kutanii Biyya Ofiitti Deebi’an


Mummichi ministeera Israa’eel Benjamin Natanyaahuu prezidaantii Yunaaytid Isteets Donald Traamp waliin har’a eega wal arganii booda haleellaa Rookeetaa galoo Gazaa irraa Israa’eel irratti gaggeeffamnaan imaltuu isaanii addaan kutuun Natanyaahun battalumatti biyya ofitti deebi’an.

Natanyaahun Kibxata borii galgala Waayit Hawuus keessatti Irbaataaf afeeramanii kan turan yoo ta’u koree dhimma biyyoota lameeniif haasawaa gochuuf turan.

Biyyatti deebi’uu isaani kan ilaalen Natanyaahun ibsa baasaniin haleellaa yakkaa Israa’eel irratti gaggeeffameef deebii gama humnaa kennuuf jecha jijjirraan sagantaa ta’e jedhan.

Rokeetiin darbatame Israa’eel waaltaa magaalaa Tel Aviv gama Kaaba bahaa keessatti mana tokko irratti kufee nama 7 madeesse.

Haleellaa Rokeetaa kanaaf waraanni Israa’eel garee hidhattoota Hamaas komatee waraanni Israa’eel gara daangaa Gaazaatti kan ergu ta’u beeksiise jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG