Xurree ittiin seenan

Breaking News

ILaa fi Gurrii Addunyaa Faanuma Kiliyaani Imbaappee, Gurbaa Ganna 20 kana Jira. Gatiin Isaa Deemuma Deemtee Doolara Miliyoona 300 Caalte


France's Kylian Mbappe controls the ball during the semifinal match between France and Belgium at the 2018 soccer World Cup in St. Petersburg, Russia, July 10, 2018.
France's Kylian Mbappe controls the ball during the semifinal match between France and Belgium at the 2018 soccer World Cup in St. Petersburg, Russia, July 10, 2018.

Gatiin Keliyaan Imbaapee deemuu deemtee doolara miliyoona 300 ya caalte
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:18 0:00

Kiliyaani Imbaappee gurbaa ganna 20 kana gatiin oluma deemtee doolara miliyoona 300 caalte Eden Hazardilleen oofuma oofee goolii 100 galfate

Kylian Mbappé Lotti hiddii dhaloota Afrikaa. Abbaan Kaameruun haatii Aljeeriyaa.Ilmii isaanii, Kiliyaam Imbaappee, Faransaayitti dhalatee amma lakkoofsa 7 keeyyatee garee biyya isaa Faransaayii taphata.Kilabii isaa PSG ammoo lakkoofsa 10 keeyyatee taphata.

Leenjsiaa Chelsi ka durii,Jose Morniino, abbbaa dandeettan Imbeeppee bitadhaa jechuutti jira.

PSGn Imbaappee kana ganna lamaan duratti dooalra miliyoona 212n Monaakoo irraa bitate. Imbeepeetti oofuma oofee Faransaay waancaa kubbaa miilaa Raashiyaa bara 2018n gahe.

Ganna kana qofa tapha 23 Liigii 1 irratti goolii 26 galche.Leenjsiaan Real Madrid haarahii, Zinaddiin Ziidan doolara miliyoona 316,831,480 baasee gurbaa ganna 20 kana kilabii ufiitti darachuu fedha.

Biyyitii Impaabee,Faransaayiin EURO 2020 qophaahuutti jiriti tapha kaleetti Moloovaa 4-1 moote.Innilleen daqiiqaa 87essoo irratti goolii galcheef.

Gatiin gurbaa ganna 20 kun waan bu’ii hiiqii hin qamane doolara miliyoona dhibba hedduuti.Abbaan sun qabu harkaa dhahee dabraanee ganna diqqaaf kialbiitti darata.

EURO 2020

EURO 2020, maqaa dorgommii kilaboota Waancaa Awurooppaati. Dorgommii tana guyyaa shaniin duratti jalaqabanii 24 keessaa filan.

Haga Bitootessa 2020 taphatanii waancaa ammoo muddee ganna dhufuu istaadiyoomii Wembley Londoniti walti dhufan.

Waancaa bara 2016 Poortugaalitti galateen. Tapha kaleetiin

Israahel Austiryaa 4-2,

Raashiyaan Kaazakhistaan 4-0,

Polandi Latiivaiyaa 2-0,

Jermeniin Nezerlaandi 3-2.

Hardha ammoo Turkii Mordoovaa,

Ingilaandi Monteegro

Portugal fi Serbia,

Faransaay fi Ayislaandi

Luksembergi fi Ukreeyin

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG