Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommi kilaboota kubbaa miila Amerikaa ittuma jirani Lafcn D.C. United 4-0 irraa galchite Wayne Rooney kaardii diimtu tapha keessaa baasan


Wayne Rooney
Wayne Rooney

Wal dorgommii kubbaa miilaa Amerikaa MLS, kilaboota 24tti waliin taphataa,dorgommii baranaa Bitootessa 2 jalqaban.

Tapha kalee kilabii Los Angeles Lafc fi D.C. United waltiin taphatan irratti DC goolii afur itti galchanii duwwaa galchan.D.C. United nama akka Wayne Rooney fa qabaattullee gaafas hin taaneef.

Rooniin nama EPL keessatti fi dorgommii addunyaa maqaan bahe.Itti gaafatamaa kilabii Manchester United ka duriiti. Amma kialbii D.C United nama kana Kontoraata ganna 2-5 doolara miliyoona 13tiin bitate.Tana malee horii jalaan kennaniif hedduuti jira.

Kilabiin innii taphatuuf D.C. United tapha guyyaa dhengaddaa istaadiyooma D.C, Audi Field keessatti 4-0 moo’an.Goolii sadii nama tokkotti galche.

Goolii qaraa Kaarolees Veelaatti daqiiqaa 15essoo irrattitti,lammeessoo ,sadeeffoo fi abreessoo ammoo Diego Roositti daqiiqaa 27,32,76 irratti galcheef.

Rooniin taphataa LA, Diego Rossi jilba hanqatee akka malee dhiite jennaan tapha keessaa baasan.

Rooney tana waliin marroo torba tapha keessaa baasan.DC United bori ammoo kilabi Kanadaa,Montreal Impact waliin taphatti.

Dorgommii MLS amma itti jiran tana Ohio Columbusitti qabxii 13n dura jirti, Torontoo FC qabxii 10n lammeessoo fi DC United qabxii 10n sadeessoo jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG