Xurree ittiin seenan

Breaking News

Suudanitti namii mukaaa-diidaa yaa’ee akka pirz.Al Bashiir hujii irraa bu’u gaafachuutti jira hiriira Kaartuum hardhaatti nama 13 fixan


People protest near the defence ministry building in Khartoum, Sudan
People protest near the defence ministry building in Khartoum, Sudan

Namii Suudan pirezidaantii isaanii,Oomara Al Bashiir hujii irraa buufachuuf hardhallee hiriira mormii irra oole.

Al Bashiir jaarsa ganna 75ti gara ganna 30 biyya sun bulchuutti jira. Namilleen hirira itti bahee rakkoo himachumatti jira.

US,Biritenii fi Noorweey akka bulchootii Suudan karumaa qajeelaan siyaasaa karaa jijjiiramaatti oofan gaafatan.

Hriira pirezidaanti Oomar Al Bashiir buusuuf itti kahan kana guyyaa afureessoo keessa jira.

Akka qabsaahotii mirga namaa jedhanitti guyyaa abran sun keessatti namii dhumate amma 21 caaluutti jira.Kana keessaa shan waraana biyya suniiti. Warra hiriira bahe kana poolisiin gaazii itti afuuftee,goommaan dhaantee qawwee itti tokkofte.

Akka ministerii biyya keessaa Bushara Jumaa kalee jedhetti nama 10,000tti hriira bahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG