Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti gaafatamaa fi abbaa dhaaba Wikileaks, Juliyaan Asaange yaqaban

WikiLeaks founder Julian Assange arrives at the Westminster Magistrates Court, after he was arrested in London, Britain, April 11, 2019.
WikiLeaks founder Julian Assange arrives at the Westminster Magistrates Court, after he was arrested in London, Britain, April 11, 2019.

Assaangeen nama biyya Awustiraaliyaati injinera komputeraati.Dhossaa mootummaa Amerikaa kuma hedduu komputera keessaa hatee addunyaatti gadi dhiise.

Eegee baqatee embaasii Ekuwaador, London jirutti baqatee ganna gara torba keessa taa’e.Ganama kana fooliisiin achii fuute.

Dhossaan innii komputera Amerikaa keessaa hate waraana Amerikaa,nama isiin biyya nagaa dhowwe jettee Guwantanaamoo kuubaatti hiite, lola isi Iraaqii fi Afgaansitaanii fi waan isii hedduu gadi baase.

Walumattu dhossaa mootummaa Amerikaa gara kuma 250 gadi baaseen himatan.

Tana maleellee Siwidinitti dubra buufate jedhanii himatan.Biritish ammoo seera cabsee jettee itti jirti. Barii sun ganna 9n dura.

Amerikaan Assaangee kana balleessaa guddoon himachuutti jirti.WikiLeaks Ekuwaador seera malee nama embaasii isiitti baqate qabdee kennite jedhee Asaangee iyye.

Asaangeen nama ganna 47ti balleessaa itti murani jennaan ganna hedduu hidhuu dandahan.

Kristinn Hrafnsson, editor in chief of Wikileaks, and barrister Jennifer Robinson talk to the media outside the Westminster Magistrates Court after WikiLeaks founder Julian Assange was arrested in London, Britain, April 11, 2019.

Gama kaaniin ammoo namii hedduu Asaangee dabaan hidhan jedhee falmuufiitti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG