Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqaleetti Hogganaa Paartii Arrenaa Dabalatee Dargaggoonni 10 Hidhaman: Dura Ta’aa Paartichaa


Arena Tigray
Arena Tigray

Hogganaa paartii Arrenaa dabalatee dargaggoonni 10 magaalaa Maqalee keessatti hidhamuu dura ta’aan Paartichaa Obbo Abrahaa Dastaa ibsanii jiru.

Jarreen kun kan hidhaman dhuma torban dabree irratti ta’uu fi duula naannoo ofii qulqulleessuu ba’e wajjiin wal qabatee ta’uu ibsamee jira. Obbo Abrehaa Destaa akka jedhanitti, namoonni hidhaman kun yeroo ammaa eessa akka jiran hin beekamne. Gaafachuun illee hin danda’amne. Namoota hidhamanii ala kanneen reebicha poolsisiitiin miidhamanii hospitaala galan akka jiranillee dubbatu.

“Namoonni hidhaman kun, rakkoon uummata Indertaa irra gahaa jiru akka dhaabatu, kanneen koree hundeessanii socho’aa turani,” jedhu – Obbo Abrahaa Destaa. Mootummaan rakkoo jiru furuu irra, namoota gaaffii dhiheessanitti maqaa adda addaa kennuudhaan, uummata akka adda qoqqoodaa jirutti dubbatan.

Hoogganaan poolisii kutaa magaalaa Kuwiha – Itti-aanaan Inspektaraa – Gabre-kiristoos Gabre-Mesqel, waa’ee dargaggoota hidhaman, jedhaman kana ilaalchisee deebii kennaniin, “kaleessa duula naannoo qulqulleessuu, ka qulqullina naannoo keenyaaf qooda qabutti eega dargaggoonni hirmaatanii deebi’anii booda, namoonni jeeqama kaasuuf socho’an akka sirna qabatan gaafatamanii waan didianii fi poolisii irras miidhaa geessisuuf waan yaalaniif to’annaa jala galchine,” jedhanii jiran. Namni reebamee Hospitaala gale akka jiru kan hoogganaan Arreenaa dubbatan sanas, “dhara” jechuun haalan. Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:34 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG