Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Sudaan Duraanii Omar Hasan Albashir Hidhaman


(Suuraa faayiii)

Prezidaantiin Sudaan duraanii Omar Hasan Albashir, eega waraana biyyattiitiin taayitaa irraa buusamanii, akka mana ofii keessatti eegaman taasisamanii guyyaa shanii booda, kaleessa gara mana hidhaatti geessaman.

Kan umuriin waggaa toorbaatamii shanii – Omar Al Bashir, eegumsa cimaadhaan, Mana hidhaa Koobaar ka magaalaa Kaartum keessa jirutti geessaman jedhu – maatiin isaanii.

Hiiriira uummataa baatiilee afuriif geggeessamee booda, eega waraanni biyyattii Kamisa torban dabree taayitaa as, Bashiir lamuu uummata duratti hin mul’anne.

Uummatni Sudaan kuma hedduutti lakkaawamu, “ammallee mootummaan cehumsaa Siivilii irraa hundeessamuu qaba” jechuudhaan, hiriira mormii itti fufee jira. Hoogganoonni waraanaa torban dabre fonqolcha mootummaa geggeessan immoo, ka waggaa lamaaf cehumsa biyyattii geggeessa jedhan, mana-maree hooggana waraanaa hundeessanii turan.

Gamtaan Afrikaa fi biyyoonni Addunyaa gama Dhihaa hedduun, akka mootummaan cehumsaa hatattamaan hooggana Siiviliitti kennamuu fi filannoon geggeessamu waamicha godhanii jiran.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG