Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Kibba Bahaa fi Obomboleetti Mudachuuf Jiru


Obomboleettii hamaan haaraa galaana Hindii irraa ka’u torban kana Komoroos, Mozaambiik fi Tanzaniyaa kan rukutuuf jiru ta’uun ibsamee jira.Kunis obomboleettii kan biraan baatii darbe biyyoota Afrikaa kibba bahaa eega dhahee booda ta’u isaati.

Dhaabbati Meetrolojii Fransaayii maqaa Obomboleettii kanaa saaykloon Kennet jechuun kan moggaasan yoo ta’u Kibxata har’a Maadagaaskaar kaabaa irraa kiloomeetra 200 ka jiru yoo ta’u gara Odoola Komoroositti qajeelaa jira.

Waaltaan akeekkachiisa kan ministrii dantaa alaa Amerikaa akka jedhutti har’a gara boodaa obomboleettii rooba makatee hamaa kun bubbee sa’atii tokkotti kilo meetra 90 jalqabee hanga kiloomeetar 120 ariifachuuf jira.

Waaltaan akeekkachiisa kennu kan Amerikaa fi Faransaayii obomboleettiin kun Robii borii Komoroos keessa kan darbu yoo ta’u sa’atiitti kiloomeetra 150 fiiga.

Kamiisa fullee keenyaa handaara galaana Mozaambiik fi Tanzaaniyaa kan dhaqqabu yoo ta’u sa’atiitti kiloo meetra 200 bubbisaa deema.

Sana booda gaafa Jimaataa humnii isaa dadhabaa deema jedhamaee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG