Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mozaambiik Obomboleettiitu Sodaachisaa Jira


Obamboleettiin yandoo makatee moggaafa maqaa keeneet jedhamu kennameef Kamiisa kaleessaa galgala Mozaambiik gama kaabaa dhahee jira.

Angawoonni haala hatattamaa kan biyyatti akka jedhanti uummanni kumnii soddomnii naannoo obomboleettiin kun dhahuu mala jedhamee keessaa baafamanii jiru.

Raagdoonni qilleensaa akka jedhanti dhahaan bishaanii lafaa irraa meetra 5 ol ka’u fi rooba guddaa makatee umamuuf deema.Angawoonni akeekkachiisa kennaniin obomboleettiin moggaafama maqaa keeneet jedhamu kennameef kun obomboleetti duraan mudatee ture irraa hamaa ta’uuf deema.

Mozaambiike obomboleetti walitti aanuun mudatan yeroo qabaattu kun ka duraa ta’u dubbi himaan Tokkummaa mootummotaa ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG