Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogeeyyotii fayyaa hospitaala naannoo Amaaraa Baahir Daaritti hiriira bahanii akka jireennii wayyaahuuf gaafatan


Medical Personnel Protest
Medical Personnel Protest

Barattootaa doktorummaa fi ogeeyyoti fayyaa hospitaala Felege Hiywot,Gambi teaching, Xibebee Giyon fi Addis Alemii walti dhufan 200tti dhiyaatan hardha rakkoo himachaa oolan.

“Biyya haawwanii fi ijoollee akka malee keessatti lubbuu dhabanitti doktorii hujii hin qamne,doktorii hinqaxaramanin, akimiin hinqaxaramne jirachuu hin malle.”

Akkuma biyyaattuu ogeessii fayyaa mindaa diqqaa argatan sunuu boqonnaa isaanii male hin argatan.Dr.Andinnet Addunyaa warra rakkoo tana himate keessaa tokko.

“Mindaan doktora walii-galaa tokko birrii 6,179 cicciranii 4,776 argatta.Doktori Finfinnee hojjatu horii kanaan kondminyemiyu kireeffachuu hin dandahu. Biirooleen fayyaa ogeessa fayyaa qaxaruuf horii hin qaban.”

Barataan doktorummaa tokko yoo horii mootummaatin baratee(cost sharing) fixe waan barataneen keessaa biriri 43,000 mootummaa baasa.

Eeyyama hujii argachuuf ammoo birrii kuma 427 baasa mindaan bara mootummaa hojjatan sun keessatti argatan ammoo yoo walti deebisan birrii 100 fi wayi.

Ogeeyyotii kun akka seerii bahu siyaasaa qofa irratti horii baasuu mannaa ogeeyyotallee quba qabaatan feena jedha.

Akka ministerii deettaan saayinsii baruma olaana Dr Saamuheel Kiflee armaan duratit jedheti jedhee fi rakkoolee ogeeyyotii fayyaa gama baasii mootummaatii kennaniin fala dhahuutti jiran

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG