Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajila Geejjibaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa Gidduutti Jalqabuuf Qophii Tahuu Ministiriin Geejjibaa Itiyoophiyaa Beeksise


Ministiriin Geejjibaa Itiyoophiyaa tajaajila geejjibaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduutti jalqabuuf qophii tahuu isaa beeksisee jira.

“Biyyoota lameen gidduutti tajaajila geejjibaa guutuu kennuuf qophiin jalqabame xumuramee jira. Itiyoophiyaan tajaajilicha jalqabuudhaaf qophii dha,” ministarittiin ministirichaa – Daagimaawit Moges.

Gama biraatiin, hariiroo daldalaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduutti jalqabame toora seeraa-qabeessa qabsiisuuf, buufataaleen to’annoo Gumurukii qindaawuu, Koomishinni Gumurukii Itiyoophiyaa Dameen Maqalee beeksisee jira.

Daldaltoonni fi abbootiin qabeenyaa Zaalaambassaa fi Raamaa, hojiin kun uummataafis tahe biyyaaf bu’aa guddaa akka qabu dubbachuun isaaniis himamee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG