Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mozaambik Kessatti Obonboleettii Jandoo Makateen Yoo Xiqqaate Namoonni 38 Dhuman


Mozaambik kessatti obonboleettii jandoo makateen, yoo xiqqaate namoonni 38 dhumuun mirkanaawee jira. Obonboleettiin hamaan akkanaa Mozaambik rukkutuun baatii tokkoo fi walakkaa keessatti, si’a lammataa tahuu isaa ti.

Lakkoobsi namoota dhumanii turaan shan tahuu ka dubbate – dhaabbatni to’annaa balaa qilleensaa Moozaambik, jandoon roobaa cimaa deemuu tu lakkoota du’a sana dabale – jedhu.

Dubbi-himtuun Sagantaa Nyaata Addunyaa, ka Tokkummaa Mootummootaa – Debraa Inguyen, “eega kaleessa ganamaa tii as jandoo hamaa tu roobaa jira. Akka tilmaamaetti, guyyoota afuran dhufaniif roobni kun itti fufa waan jedhameef hedduu yaaddofnee jirra” jedhan.

Magaalaa Kaaba biyyattii – Pembaa keessatti qofa, uummatni kuma dhibba lama tahu akka balaaf saaxilame tu dubbatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG