Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qeeqxoota Mootummaa Sudaan Kibbaa Maaltu Ajjesee


Aggrey Idirs, Bara 2015 gaazexeessaa VOA Joon Taanzaa wajjin gaafii fi deebii yeroo godhetti, Finfinnee
Aggrey Idirs, Bara 2015 gaazexeessaa VOA Joon Taanzaa wajjin gaafii fi deebii yeroo godhetti, Finfinnee

Namoota mootummaa Sudaan Kibbaa qeequun beekaman lama kanneen keeniyaa keessatti Amajjii bara 2017 eessa buteen isaanii dhabame humnootiin nageenyaa kan mootummaan Sudaan Kibbaatu ajjesuu hin oolan jechuun gabaasni haaraan kan Tokkummaa Mootummotaa beeksisee jira.

Mootummaan Sudaan Kibbaa eessa buutee abukaatoo mirga dhala namaa Dong Saamueel Luak fi miseensa paartii mormituu Aggrey Idir kan ilaaleen waan beeku akka hin jirre irra deddebi’uun beeksisaa ture.

Garu gareen waa’ee sudaan kibbaa qoratu kan tokkummaa mootummotaa akka jedhutti Luak fi Idir waajiira nageenyaa kan Sudaan Kibbaan Naayrobii keessaa butaman.Gabaasnii Kibxata kaleessaa ba’e akka jedhutti hojjattonni dame tikaa namoota lameen Amajjii 27 bara 2017 Keniyaa irraa gara Jubaatti xayyaaraan fidan.

Sana booda Luak fi Idir mana hidhaa Jubaa irraa gara dhiyaatti fageenya kilo meetra 20 irra jiruutti geessamanii hidhaman.Guyyaa sadii booda ajjeefamuu maddeen walabni hedduun gabaasanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG