Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteets Dhimma Venezu’eela Callistee Hin Ilaaltu


Yunaaytid Isteetes hokkara yeroo ammaa Venezu’eelaa keessaa gaggeeffamaa jiru waraanan gidduu seenuuf qophaa’aa kan jirtu ta’u ministriin dantaa alaa Amerikaa Maayik Pompiyoo har’a beeksiisan.

Barbaachisaa ta’e argamnaan tarkaanfii waraanaa fudhachuu malla jira jechuun Televiziyoona Foksiif kan ibsan Diploomaatiin Amerikaa kun kan Amerikaan gochuuf jiruus kanuuma jedhan.

Ta’uus garu karaa nagaan Mikolaas Maduro aangoo prezidaanti ce’umsaa Juan Guaido tti dabarsan barbaanna jedhan Pompiyoon.

Gorsaan waa’ee nageenyaa kan Yunaaytid Isteetes Jaan Bolton Televiziyoona CNN fi Faaks irratti akka ibsanti Pombiyoon Robii har’a ministeera haajaa alaa Raashiyaa Sergee Lavroov waliin dubbatu.Raashiyaan prezidaantiicha duraanii Madroo deggeruu itti fuftee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG