Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Landan Bu’ursaa Wiikiiliik Irratti Hidhaa Muree


Manni Murtii Landan bu’ursaa wiikiiliiks Juliyaan Assaaj irratti hidhaa torban 50 murteessee jira. Kunis waggaa 7 dura wabiin hidhaa ba’e yeroo barbaadamu deebi’ee mana murtii duratti ituu hin dhiyaatiin hafee dhuma irratti Embaasii Ekuaadoorti koluu galuu isaan ta’uun beekamee jira.

Assanj Embaasii kan seene bara 2012 yoo ta’u kunis biyya Swidiniitti dabarfamee akka hin kennamneef ta’uun beekamee jira.Sana booda Swiidin himannaa irratti dhiyaateef qorannaa irratti gaggeessitu dhaabde. Assaajis Embaasiicha keessatti hafe.

Kunis yoo magaalaa Landan keessa deemee na qabanii dabarsanii Yunaaytid Isteetstti na kennu sodaa jedhuun ture.Kunis galmee mootummaa Amerikaa kan iccitiin qabame ifatti baasuu isaaf akka tya’e ibsee jra.

Baatii darbe Ekuwaador iyyata dahannaa siyaasaa inni galfate erga diddee booda Polisoonni Briteen assaanyiin hidhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG