Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasnii Dhiyaate Kan Qorataa Turee?


Abbaa alangaa mummichaa, Wiliyaam Baar
Abbaa alangaa mummichaa, Wiliyaam Baar

Abbaa alangaa mummichi Wiliyaam Baar Robii kaleessa seera tumtoota Yunaaytid Isiteetes duratti dhiyaatanii gaaffii fi deebii gaggeessan.

Kunis Raashiyaan filannoo prezidaantii Amerikaa kan bara 2016 keessaa harka qabdii yoo ta’e baruuf qorannaa Robart Mular gaggeessan baatii tokko dura ifa ta’e kan ilaaleen ture.

Wiliiyaam Baar koree seeraa kan Ripaablikaanoota Seenetaa waliin wal arguun yoo xiqqqaate sa’atii sadiif dubbatu.Qorataan addaa Robart Mular gabaasa qopheessan qabiyyee isaa cunfuun akka Baar ifa godhan xalayaan kan itti erganii fi bilbilaan kan itti himanii turan sana Baar ofii cunfanii barreessuun dhiyeessan jechuun Gazeexaan Waashingtoon Poost maxxanse.

Gabaasa Mular ergan sana Baar Irra deebi’uun barreesuun kan dhiyeessansun qorannaa gaggeeffame guutuummaatti hin calaqisnee jedhan Mular.Gochaan Baar gaaffii hedduu geesisaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG