Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan Kibbaa warra isii bulchu fiffilachuutti jirti,eegii appaartaayidii jalaa baatee tana waliin marroo 6 bulchoota filatte


Godina Johaansibergi gama Kibbaatti warrii ganamaan ka'e akkana nama isaan bulchu filata. South Africans queue in the early morning cold to cast their votes in the mining settlement of Bekkersdal, west of Johannesburg, in South Africa Wednesday, May 8, 2019.
Godina Johaansibergi gama Kibbaatti warrii ganamaan ka'e akkana nama isaan bulchu filata. South Africans queue in the early morning cold to cast their votes in the mining settlement of Bekkersdal, west of Johannesburg, in South Africa Wednesday, May 8, 2019.

Afrikaan Kibbaa,biyya akka henna bara 2017ti nama miliyoona 57 dhiyaatu qabdu.Biyya siyaasaa fi malii jireennaalleen Afrikaa keessaa guddoo mataa baafatee guddateef.

Ta hardha itti jirtu waliin marroo 6essoo bulchoota isii bulchitu filachuutti jirti. Eegii bulchiinsa apaartaayidii jalaa baatee, bara 1994 asitti karuma nagaatii fi demokiraasiitiin nama isii bulchu filatte.

Ammallee paartuma Afrikaa Kibbaa bulchaa baatetti filannoo tana marroo jaheessoof dabsata fakkaatta.Taatullee malaa fi malteen horiiin nyaatanii,jireennii namatti jabaacha deemuun paartii mormituutti nama galchuutti jira.

Hataatuu ammoo barattuun injineeringi ta akka Londiwe Mngadi faatii nama keessaa filatu walii wallaaluutti jira.

"Paartiin hedduun jiraachuun si gamachiiftii keessaa tokko filachuun ammoo diqqoo si dhibdillee.Abbaa feete keessaa laallachuunuun ammoo nama gammachiisaati.”

Namii akka Bobby Madhav ka paartuma ANC keessatti ilkaan buufateef ammoo dubbiin diiduma teetti waan nama dhibduufuu hin qabdu.

"Wannii nama dhiba hin jirtu. Maan jennaan paartuma ANC dhiphuu bal’innaa numa waliin baate qamanaa.Egerillee isuma herreganna.”

Gaazexeessaan Afrikaa Kibba ka akka Muusi Mogotlane faatii wannii jabduun mootummaan tolchuu male ‘sheexana guddaa’ ufi duraa gorsuu.

Sheexanii inni baanu kun amala nama agareessuu horii malaa fi maltee horii biyyaatiin balleessuu.

Horii kana badii dhowwanii jennaan akka namuu waan biyyitii qabdu keessaa qooda qabaattu tolchuu hinuma dandahan jedha.

Amma paarlaamaa filuutti jiranii paartii dabasatte ammoo pirezidaanii filatti. Abbaa moo’e guyyaa sadiin duubatti beekan.

Pirezidaantiin moo’e ammoo dhuma ji’a kana keessaa biyya dhugaan bulchuuf kakatee hujiitti dabarra.Afrikaan Kibbaa eegii isiin demokiraasiin buluu jalqabdee warra kanatti bulche.

Nelson Mandela 1994-1999

Thabo Mbeki 2004-2008
Kgalema Motlanthe 2008-2009
Jacob Zuma 2014-2018
Cyril Ramaphosa 2018- itti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG