Waan Raashiyaa fi bulchiinsii Tiraampii filannoo Amerikaa irratti dhossaan waliin qabaatte quba qaba jedhanii yaaman.
Abukaatoo Tirampi ka durii,Maaykil Kohenitti ilmii Tiraampi akka abbaan isaa Mooskootti fooqii jaarrachuu fedhu marroo 10 dubbachaa bahe jedhee Gurrandhalaa dabre koree senetii Amerikaatti hime.
Senetiin Amerikaa armaan durallee waan Raashiyaa fi bulchiinsii Tiraampi filannoo Amerikaa bara 2016 irrati dhossaan waliin qabaatan jedhe irratti bulchoota Tiraami qorachaa bahe.
Hajaja kana Senetii Amerikaa paartiin Tiraampi,Rippaabilikaan itti gaafatama tahetti baase. Pirezidaanti Tiraampi hajajii kun waan nama ajaahibiisaa jedhe.
Ilmii Tiraampi angafii hajajii itti bahe kun Donald Trump Jr. nama ganna 40 oliiti. Akka abbaan isaa jedhetti ilmii isaa waan Raashiyaa fi bulchiinsii Tiraampi waliin qabaate jedhan kana qaraa saatii 20 waan beeku ragaa bahe.