Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Ameerikaa Loltoota IS Ka Somaaliyaa Keessaa Galaafate


(Suuraa Faaylii)
(Suuraa Faaylii)

Haleellaan samii irraanii kan Yunaayitid Isteetis loltoota IS 13 galaafachuu isaa ibsi waraana US biraa ba’e beeksisee jira.

Waaltaan ajajaa Ameerikaa kan Afriikaa AFRICOM akka jedhetti haleellaan kamisa kaleessaa galgalaa garee shororkeessotaa irratti raawwatame gaara Golis keessatti ture.

Haleellaa Kanaan siivilota irra miidhaan ykn ajjeechaan akka irratti hin raawwatin qoranneerra jedha ibsi sun.

Haleellaan Yunaayitid Isteetisiin raawwatame ka dhiyeenyaa lootee seentota IS kanneen Somaaliaa keessaa galaafachuun illee bekamee jira.

Gareen shororkeessaa Somaaliyaa keessaa garuu IS qofaa miti. Hidhata al-Qaida kan qabu gareen al-Shabab illee IS caalaa heddumminaan gamasitti argama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG