Gareen milishaa naannoo kan lootee seentota Bookoo Haraamitti duuluu keessatti mootummaa Naayjeeriyaa deggeru ijoollee lakkoobsi isaanii 900tti siqan ta’an gad dhiisuu isaa jarmayaan gargaarsa daa’immanii UNICEF har’a beeksisee jira.
UNICEF akka jedhetti gamtaan wal taatota siivilotaa CJTF jedhu ijoollee 894 har’a magaalaa Kaaba gama bahaa Maiduguri keessatti kan gad dhiise akka qaama ciccha ijoollee loltummaaf fo’uu ittisuuf galetti ture.
Gareen CJTF kan hundaa’e bara 2013 wal ta’iinsa addunyaa Ameerikaan hoogganamuun yoo ta’u kunis hawaasaalee haleellaa lootee seentota Naayjeeriyaa Kaaba gama bahaa keessa sosso’an irraa ittisuuf jecha. Haa ta’u malee gareen kun ofii isaa ijoollee dhibbaan laka’aman loltummaaf fo’ee jira.
UNICEF akka jedhutti ijoolleen haarawaa gad dhiifaman kun sagantaa yeroo ce’umsaa gara jireenya siviliitti ceesisiu hordofuuf jiru.