WAASHINGITAN, DIISII —
Yunaayitid Isteetis ennaa iseen meeshaalee Chaayinaa doolaara biliyoona 200 baasu irratti taarifa dhibba irraa harka 10 gara 20tti ol guddistee jirtu kanatti prezidaant Doonaald Traamp har’a daldala chaayinaa waliin jiru ilaalchisee ergaa twititerii daldala Chaayinaa waliin jiru maxxansuu eegalanii jiran.
Daldala sirrii hin taane Chaayinaa waliin jiruun waggoota hedduuf doolaara biliyoona 500 dhabne jedhan. kana booda garuu hin ta’u jedhaniiru.
Chaayinaanis har’a akka jettetti taarifi kun dabaluu isaatti hedduu kan gadditeef ofii ishees tarkaanfii barbaachisu kan fudhattu ta’uu beeksistee jirti.