Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaa Kaabaa Misaayila Fageenya Gabaabaa Furguggiste


Kooriyaan kaabaa misaayila fageenya gabaabaa lama furguggisuu ishee waraanni Kooriyaa Kibbaa kaleessa beeksisee jira.

Akka ibsa Kooriyaa Kibbaatti ini tokko fageenya km 420 kan adeemu yoo ta’u tokko immoo fageenya 270 furguggifama.

Misaayiloonni sun konyaa Pyoongaan kaabaa irraa gara biyyattii Kaaba gama dhiyaatti furguggifamuun kara gama bahaatti illee adeemuu isaanii ibsichi itti dabalee beeksiseera.

Prezidaant Doonaald Traamp waa’ee dhukaasa kana aka gammade hin jiru jechuu dhaan Koriyaan kaabaas mariif qophee dha jedhee hin amanu jechuun kaleessa White House irraa ibsa kennaniiru.

Prezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in Kooriyaan Kaabaa misaayila furguggisuu irraa akka of qusattu gaafatanii odolattii Kooriyaa Nuklera irraa walaba gochuuf tattaaffii diplomaasummaa godhamu danqa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG