Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaanis Akkauma Yunaaytid Isteetes Dilaala Dabaluuf Deemti


Mi’a Amerikaan gara gara Chaaynaatti ergitu kan Doolaara Biliyoona 60 baasisuu irratti Taariifa kan dabaltu ta’u Chaayinaan beeksiiftee jirti.Kunis prezidaantiin Amerikaa Traamp mi’a Chaayinaa irraa biyya isaanii seenuu kan Dolaara Miliyoona 200 baasisuu irratti Dilaala akka dabalan eega beeksisanii booda Chaayinaan haaloo ba’uuf kana jette.

Ministriin maallaqaa kan Chaayinaa akka jedhutti Dilaala haaraan Chaayinaan dabaluuf jiran harka 5 hanga 25 kan ga’u yoo ta’u Waxabajjii 1 bara 2019 kaasee hojii irra oola.Beejiing akka jettuutti Yunaaytid Isteetes qophaa ishee daldala eeggachuuf jecha tarkaanfii fudhattuuf deebii kenniite.

Chaayinaan dhibbaa alaaf faccisuu hin dadhabdu kan jedhu ministriin danta aalaaa biyyatti mirgaa fi fedhii keenya kabajsisuuf murannoo fi dandeetti qabna jedhan.Yunaaytid Isteetes gama isheeti waan irraa eegamu ni gooti abdii jedhu qabna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG