Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Shiraatu Gaggeeffame: Saawudii


Dilbata kaleessaa handaara galaana Tokkummaa araboota Emeereetotaatti haleellaa shiraan gaggeeffamee kuufama boba’aa achii qabu lama irratti badiin dhaqqabsisuu isaa kan beeksiifte saawudiin garu midhaan hagamii akka dhaqqabe hin ibsiin jirti.

Ministriin Eneerjii kan Saawudii Arabiyaa akka jedhanti kuufamnii boba’aa inni tokko gara buufata Donii Saudii kan Ras Tanura geeffamaa kan jiru yoo ta’u gara Amerikaatti ergamuuf akka jiru ibsameera.

Yunaaytid Istees har’a ganamaan akeekkachiisa kan laattee yoo ta’u kunis Doniiwwan handaara galaana biyyatti irratti tarkaanfiin shiraa fudhatamuu akka jiru kan hubachiise ture.Akeekkachisii kunis Amerikaa fi Iraan giddutti muddamiinsii jiru sadarkaa olaanaa irra yeroo ga’eetti ture.

Biyyi tokkummaan Araboota Imeerootataa duraan akka jetteetti Doniwwaan daldalaa 4 Dilbata kaleessaa naannoo bishaan galoo galaana Oamaanti qiyyaafata gocha hammeenyaa jala turan jedhu.Gochii kun maal akka ta’e garu hin ibsamne.Doniwwan kun kan eenyu akka ta’an hin ibsamne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG